Damee Sardaa, Nama Addaa!

Damee Sardaa 

nama addaa!

Fuulbaana 1980 torban duraa

walitti baanee karaa muraa

yeroo dheeraaa  waliin  caccabnee

bara dheeraas waliinis daanee (exiled)

torban Fuulbaanaa dhumaa 2023 adda yaanee?

 

Damee Saradaa nama addaa

si dhabuu koof hedduun gaddaa.

Haalli hin jiruu akka durii

sii bilbiluuf  gara barii, yookaan waarii

wal arginaaf, walii gallee waadaa

hunduu hafe, Damee sardaa

 

Damee Sardaa  nama addaa,

of dagatee namaa gaddaa!

cimsee obsee rakkina isaa

irriiba dhabee waayee biyaaf

waayee sabasaaf

waayee qabsoo fi qabsaawotaaf

 waayee hubna dhabeeyyiif

waayee sagalee maleeyyiif

nama obsee dhibee isaa, aadaa bulu nama biraaf

nama ofii beelessee,  laatu namaaf

 

Damee Sardaa nama addaa

hortee maatii addaa

kan maatii qabsoo

kan waldhaanso

kan ummataa

kan hawaasaa

kan qabsaawotaa

kan baqataa

irriiba dhabdee, halkan guutuu

barii (bilisummaa) arguuf osoo waattatuu

jireenya  kee guutuu

liqimsuun dadhabe akkas tahuu

 

Damee koo, koodee addaa

si dhabuu koof hedduun gaddaa,

Amma si  dhabas  ofbiraa

Onnee too raafta barabaraa

Hamma akkuma gaafa duraa

walitti baanutti

Nagaatti

Hammasitti.

Boqannaa nagaa!

H. Hurissoo

Copy link
Powered by Social Snap