Who makes the best rolex replica? You'll find out about it on our website - https://swissmade.sr

rolex Submariner replica

replica watches uk

replica watches replica rolex

replica watches

replica watches

replica uhren

Oromia Today

Independent Voice of Oromia

Dhudhaa Malbulcha Oromoo fi Sodaa Halagaa Hambisuu

Ibsaa Guutama

Oromoon ummata guddaa beekamaa akka hin beekamne godhamee. Shira fi hacuuccaa gad isaan qabuuf godhame jalaa, tattaaffannaa ofiin ol ka’uu eegalani. Kanneen gargaarsa galtuu Oromoon barabaraan gad qabanii hambisuu barbaadan, jara humnaa fi qabeenya saanii tola bolqanii fi dhiiga saanii xuuxaa jiraatani. Isaanis, miseensota bulcha kolonii durii fi ammaa; raayyaa qabamaa fi daldaloota wallaalummaa qoteebulaa Oromoott anjaa fudhachuun of duroomsaa jiraatanii. Kufaatiin Oromo, eegalee aadaa fi dudhaa saanii demokraasii barbaachisoo jalaa hin mancaasnee. Aadaa fi dudhaan kan saanii bakka buusuuf yaalame lafeett gadi fagaatee hin seenne. Sammuu dadhabduutt joonjee naqee jira taha. Oromoon empayerri deebi’innaa jedhanii hin sodaatanii; garuu hamaa tuttuqaan gadoo kaasuu dandahu sodatu. Sii’achi Oromoo kan dhossuu dandahu hin jiru. Oromoon nagaa dha, Oromoon araara. Yoo hin irraanfatinillee, aagii namaa tufuun aadaa saanii waan taheef isaan irra balaan sodaatamu hin jiru. Oromiyaan halagaa nagaan hojjetee jiraachuu barbaaduuf banaa dha; garuu Oromiyoo qofatu abbaa itt tahuu danadaha. Kanaafi kan Oromoo mormitooti “Oromiyaan kan Oromooti” jedhaniif. Oromoon bakka halle jiraatan, ergamsaa fi daayaa qabsoo saba Oromo olloota Oromoo fi addunyaatt facaasuutu irraa jira. Akka durii fi harka xuriitt hin hafanii ofiin dhaabbachuun keenya amma.

Hawaasi Oromoo Badii waamichaa fi kaayyoo dargaggoo Oromoo biyya jiruu addunyaa naannaa saa jirutt dabarsuuf rakkina qaba. Dhaadannooti addunyaa guutuu keessatt hiriirota nagaa irratt qabataman fi haasaa waa’ee jireenya biyyaa fi gootota see yabboo halle irratt dhihatan yoo lallaafisanii fi dhaamsa mormii dargaggoo yoo roga dhabsiisan mullata. Giidoo fi onnee dhabiisi, akkasumas fedha ummata offii irratt halagaan walta’iisi akkanaa, sochi hawaasaa fi barattoota Oromoo Badii keessatt takkaa mullatee hin beeku. Yeroo dheeraaf malbeekoti “Oromoon waan barbaadan beekuu?” jedhanii gaafataa turani. Oromoon waan barbaadan beekuu, garuu ergamtooti saanii ala jiran, garlame fi waan ummati saanii fedhu utuu hin tahin, nyaara kanneen bira dhaqanii ilaalaa wan isaan barbaadan kan se’an irra ka’anii, soba iyya’uufi. Malbeekoti sirrii turanii; kanneen isaan quunnaman waan ummataa ofii iddosan haa fakkeessan malee diina saanii waliin mala dhaha kan oolan turan. Kanaaf kan isaan waan ummati saanii ifatt gaafatan, waa’ee “walabummaa” diina duratt kaasuu kan leeyya’an yk haalan.

Kophaa akka hin lolanne of irratt amantee fi onnee dhabuun tumsa wayii fi harka irra qaboota jala dhokachuu barbaadu. Kanaafi wan waliin hin deemnee fi yaadanmaloota qabu. Ummati saanii malraaga finnaa fi mootummaa yk quwannoo wal gitchisiisaa utuu hin tahin, kan isaan barbaadan hiree saanii roga itt gochuu dha. Qabsoon ummata ofii cinaa dhaabbachuu yk malraaga ofii waliin diina bira dhaabbachuu dha. Bilisummaaf lolachuun keessa ofiitii tahuu baatee, nama alaatu kakaasee qawwisaa taanaan, hobbaatiin argamuu fi biyyi bilisoomus kan ofii utuu hin ta’in kan isicha kaakaasee fi qawwisee ta’aa. Kan itt boonamu walabummaan ijaaramanii, ofirratt amantee qabaachuu fi of irratt hirkatanii lolachuun birmadummaa gonfatan yoo tahu. Yoomallee danuun seenaa kan isaan dhihoo keessaa dandamachuuf deeman akka ittiin hin buhaarre gufuu itt haa turu malee Oromoo hedduuf dharraan birmaduu tahuu waan qacceen dhufe, keessa ofii, gadi fagoo kan ka’ee.

Ummata ofii waliin qunnamtii dhabuun, dhagaan lafa jalaa baqaa ture wan itt hin dhagahamneef waan sobaa addunyaa sooraa bahani. Yeroo janni cabfatee yaa’uu yaalu, isaan fedhaan kiyyoo diinaatt harreedu. Boona ilmoo namaa bucuu tokko utuu of keessaa qabaatani, qaanii saa hin dandahan ture. Yeroo mormiin Oromoo dhaloota Qubeen gaggeessamu golee Oromiyaa hunda keessatt dilgahe, akkuma halagaa malalelfatan. Dargaggoon waan fedhan sirriitt beeku; akka sirni kolonii Itophiyaa raawwatu gaafachaa jiru. Oromoon Badii dhageett qaban garuu, gaaffii Oromoo kana qayyabachuu irratt adda adda jiru. Ayyaanlaallattu tahuun, Amaaraa akka ummataatt fi Amaaraa akka hoggana sirna Nafxanyaatt addaan baafachuu dadhabu. Garaan saanii garboomett isa booda qofatu itt mullata. Amaarri akka ummataatt eenyummaa fi fedha ofiif lola isaan qofa ilaalutt jiru. Tigaaruun maqaa balleessuu fi saba “Habboo” (Onnee) hin qabne jechuun salphisaanii jiru. Haala kanaan, akka ummata itt dabamee fi akka ollaatt, duula kan itt darbaa jiru irratt gaggeessaaniif Oromoon qeeqan yoo deggersa kenne akka. Kan namatt darbu dura, akka cunqurfamaa namatt hirkataa fi cunqursaatt utuu hin tahin akka ummatoota Afrikaa walabaatt waliin dhaabbachuun jaboo isaan tolcha.

Karaa biraa akka Itophiyummaa saaniitt, Oromoon Amaara irra dhimma qabu. Amaarri murnoota Itophiyaa hogganee qabama Oromiyaa, kan ammaa hin raawwanne godheera. Qabsoon Oromoo, hooda “Itophiyaawiinnetii” hunda haammataa tahe diiguun sirna Nafxanyaa jaarraa tokkoo oliif Amaaraan hogganamu bantii duroomaa irraa konkolaachisuuf kan gumaachan keessaa isa guddicha. Haa tahu qabattee koloneeffataa fi koloneeffamaa gidduu sirnaan hin xumurannee. Si’ana Amaarri murna Itophiyaa biraa, Tigraawaayiin qabsoo morma wal hudhaa tahe qaba jiru.Harcaatuun gita Nafxanyaa ol haanoo, qabsoo ummata tokkoo kana, akka kan Empayera Itophiyaatt dhiheessuu fedhu. Garuu galtuu malee kan harka rukuttuuf waan hin arganneef jalqabumaa hin milkoofnee. Lolli kun bilisummaa fi eenyummaa Amaaraaf kan lolamaa jiru utuu hin tahin empayera du’aaf dhiddhiittata jiru dandamachiisuuf dhimma itt bahuu barbaadu. Tigraawayi maqaa Itophiyaan Oromiyaa qabatanii jiru, garuu kan Amaaraatt roorrisaa jiran maqaama Tigaaruunii. Sadarkaa Amaarri dudhaan qabu irraa, gara nambiyyaa lammafaatt gad buusanii jiru. Lafa saanii taadhii lixaan jiru akka Wolqayit Xagadee fi caalaas, dhabsiisaniinii jiru.

Waldhabdeen Amaaraa fi Tigray waldhabdee keessaa Itophiyaa tahee hafuu qaba ture; garuu Amaarri kolonummaa imperiyaal qaban dhaabanii akka eenyummaa sabummaa Amaaraan deebisanii caasaman dirqisifamani jiru. Haa tahu malee tokko tokko ammayyuu waa’ee empayera guyyaan abjoochuu hin dhiisnee. Oromoon sirba “Itophiyaawiinnatii” waliin sirbuuf yeroo saa miti. Garuu Oromoo badiin dhaloota “Fidalaa” haala irra marsaa keessa jiran, yeroo waari’e kana keessa sirbichatt makamaa jiru. Abbaa fedhan waliin sirbuu ni dandahu garuu fudhatama argachuu jedhanii abbaawummaa dhabuun, iyyaatii dogoggoraa iyya’uun yakka saba Oromoo irratt tolfame hin irraanfatamne. Oromiyaan akka Itophiyaa hin taane saba ofiif labsaniiruu, sana yabboo ambaa irratt jechuuf maaltu isaan dhowwe laata? Oromoo, dhalooti Qubee, onnee cimaa Oromummaan qabsoo saanii fiixaan baasuuf muratanii jiru. Cunqurfamoota dabi irratt tolfamuu tumsuun akka, garuu kan karraan bahe boron galchuu yaaluun gantummaa dha.

Sun akka fedhe tahuyyuu, TPLF kana caalaa angoo irra turraan haalli malbulchaa yaaddessaa tahaa deema. Kun kanneen waa’ee burjaajii malbulchaa dubbisan biraa ta’innaa adda addaa kaasuu dandaha. Tokko tokko fixiqaccee marsaa jira, lolli noolaa kan oolu miti fi dhummi Itophiyaa gahe kan jedhan jiru. Hangi tokkoon keenya, bulchooti TPLF duraa lama, akka itt kufanii fi bakka itt buufaman agarree jira. Uumaan konka hin feetu; minyaawaa haa tahu haddhaawaa kan naannaatt argamu irraa guutti. Yeroo lachanuu, bulchi kan hidhannoo fi jaarmaa qaban irraa guutame. Lachannu dhuma irratt ofaangessoo tahan. Isa duraa irratt, waraanatu mormii ummataa deggeree sirnicha irratt fincile. Isa lamattaa irratt shiftaatu kan humna qabaniin deggerame aangoo qabate. Caasaan bulchaa jijjiiramee, fakkeessaaf sirni gola hedduu diriiree jira. Amma wiirtuun hoggansa raayyaa, kan gola lammii angoo irra jiruu, Tigrawayii. Kanaaf addan baha hoggganootaan yk jara harka irra qabaniin yoo tahe malee, gola ofiitt fincila jechuun waan hin yaadamne. Egaa, konkaan kuffaatii TPLFin uumamu akkamitt guutama laata; dhiibnee ilaaluu qabna?

Oromiyaan waggoota dhibban darban keessaayyuu kurnoota kudha sadan darban yeroo iseen takkaa fixaqccee irraa qulqullofte hin jiru. Duulli koloneessaa dhuma jaarraa 19faa eegale akka dilormaa Oromiyaa walakaatt gad cabe argaa dhageettii fi jornalistooti addunyaan gabaafamanii jiru. Bulchooti ergasii dhufanis yakkicha keessatt gahee mata mataa qabu. Hunda saanii keessaa bulchi amma jiru isa bala’amaa dha. Maseensuu fi sangoomsuu fi ajjeechaa, guraara akkaumas hidhaa irratt mala biraa dabaluun dilormaa Oromoo gad cabsuuf dhimma itt bahaa jira. Dargaggoo Oromoo qaroo fi abdatamoo tahan foo’ee ajjeesuun jiru guyyuu tahee jira.

Kanaaf fixiqaccee marsaa jira jechuun, jireenya Oromoon erga qabamanii jala darban qayyabachuu dadhabuu dha. Irra marsuu utuu hin tahin bara deeraaf takkaa biraa hafee hin beeku. Akka keettoott aanga’oota gurguddaaf maa’ii waan baasaa turaniif yakka saaniif akka hin gaafatamne isaaniin eegamu. Ergaa saanii bakkaan gahuu kan dandahu sana gochuu qofaan taanaan yoo dilormaan guutummaatt haxawame giroo hin qabanii. Oromoon garuu, fuula du’aa fi guraarsaa duratt utuu hin qoomma’in mormii saanii itt fufuun uumaa yakkamaa TPLF kanneen namummaa qabanitt saaxilaa jiru. Dhimmooti fixaqaccee xaddacha addunyaa Den Haag fuldura amma jiran, yakkoota Itophiyaa keessa deemaa jiraniin wal hin gitani. Hogganooti Yugoslav, Cote d’Ivoire, Liberia, Sudan kkf xaddachichatt himatamaa jiran yakka hanga kan hogganoota Empayera Itophiyaan ammaa haa tahu durii gahu hin tolchine. Mormiin mandara Olompik iyyuu gahee, yeroo abbaan madaaliyaa meetii, Fayisaa Leellisaa, mallattoo mormii Oromoo kan tahe harka wal irra qaxxaamursee jara Olompiyaad qofatt utuu hin tahin, addunyaa guutuu keessa fagoo, bakkichi alaa utuu hin hafin akka argamu tahee jira. Ta’iisa sanaan fixxiqacee TPLFin gaaggeeffamu gaariitt saaxilame.

Oromiyaa keessatt lolli noolaa ni jiraataa jedhanii sodaachuuf sababii hin jiru. Kanneen mamii qabaniif mormiin Oromoo ji’a 9 ol fixataa jiru naamusa Oromoof raga tahuutu irra ture. Oromiyaan lammii, amantee fi ilaalcha malbulchaa adda addaa kan hordofan qabdii. Miseensota murnoota cunqursaa isaan keessaa hedduu tahanuu aariin halagaan gaaga’amoota tahan hin jirani. Yeroo firooti saanii Oromoo ajjeesaaf guraaraa jiran kana Tigraawaayi keessumaa Oromoo tahanii basha’aa jiru; kan ildiimame illee hin jiru. Oromoon dudhaa wallaalotaa fi kanneen hin hidhatin eegumsa kennu safuu jedhamu qaba. Oromoon dhaloota Qubee dudhichaaf amanamoo akka tahan raggaasisanii jiru.

Yoo karaan nagaa dadhabame waraanni qabamsa jalaa bahuu Oromiyaa walaboomsuuf itt fufa. Oromoon kaayyoo bilisummaa sossobbaan ni lakkisu jedhamee gonkumaa hin yaadamu. Oromoon “Nagaa, Araaraa fi Walabummaa” hunda caalaa mararfatu. Akka namoota hedduun jedhamett, Oromoon aadaa waan halle gidduutt harkisuu qabu; karisaan amantee yk malbulchaa, keesatt lalisu dandahu hin jiraatu. Kanneen luuxanii galanillee yeroof gochoota danquuf ni milkaawu taha malee kutaa tokko dhiibanii moggeett baafachuu hin dandahani. Oromoon hin jarjaranii garuu gaaffota haaraa dantaa waloon walbira qabanii ilaaluuf fedha qabu. Kanaafi nammi Oromoo tokko Oromiyaa keessatt lolli noolaa yk lolli kutoota adda addaa gidduu hin jiraatu jechuu kan dandahu. Itophiyaa keessa garuu, aadaan saanii garagarummaa humnaan furuu waan taheef lolli noolaa dhibuu dandahuuf iggitiin hin jiru. Kan abdatamu wanti akkasii yoo Itophiyaa keessatt tahee akka irra dhangala’ee Oromiyaatt hin yaanee.

Akeeki qabsoo Oromoo empayericha diiguu dha. Garu sun dhuma Itophiyaa taha jechuun waan kolfaatii. Itophiyaa kan dhabamsiisu walabummaa kolonootaa utuu hin tahin yoo kanneen durumaanuu maqicha guddifatan, Habashaan ittiin of waamuu dhiisani. Jalqabumaayyuu yoo guddifatan, Oromiyaan isaan jala hin turree. Itophiyaa tursuunis dhabamsiisuunis dantaa saaniitii. Haa tahu malee sun Oromoo hin laalu. Kan Oromoo ilaalu empayera ofirraa fonqolchuu dha. Kolonooti garagarummaa isaanii fi koloneeffataa gidduu jiru bareechanii hubatanii jiru. Gooftaa olhaanaa halagaa sichi ofirra hin kaa’anii; hiree saanii irratt ofii gooftaa tahuu barbaadu. Kanaaf ummatoota Ganfaa Afrikaa gidduu gamtaan fulduratt jiraatu akka kanneen hanga yoonaa ukkamamaa turan fedhanitt malee, akka murnoota cuqursoon fehanitt hin tahu. Eenyuu akkuma ollaa dansa tahe tokkoott malee, “naaf tahaa” addaa kanneen biraa irratt hin qabaatu. Sabi tokko himata kan biraa irraa yoo qabaate, xaddacha sabgidduutt geeffachuu dha; sanaaf meeshaa kaasuun barbaachisaa miti. Ummati hundi nagaa fedha; nagaan kan lalisu naannaa walabummaa fi of irratt hirkachuun jiru keessattii. Hunduu waldiddaa furmaata hin arganne kaasuu manna, eenyummaa fi biyya addaan qaban yoo walii beekan wayyaafii.

Ummati hundi dhaaba sammuquwi ofii qaba. Sana walii fudhannaan, nagaa waaraa godinaa fi sanaa achiifis jedhamee, qabattee yk diinni diriiraa dhoofsisaa iraa alatt hambifamuu jiraachuu hin qabu. Waldhabdee nagaan fixachuu wanti caaluu hin jiru. Kanaaf ummatooti nagaa jallatanii fi Empayera Itophiyaa keessaa gahee kan qaban, nagaan akka waliqixxeett dhufanii akaataa itt fixatu irratt mari’achuu qabu. Habashaan kan karaa irraa ceesisan Oromoo fi qaxaramoota baratan biraa qabu taha; garee dhoofsisaa saanii keessatt dabalatanii dhihaachuu ni dandahu; garuu akka miltoo dhoofsisaatt hin dandahanii. Akkumaa dur Alii fa’itt dhimma bahan jara kanattis dhimma bahuu dandahu. Alii inni dhumaa maqaaf Nugusa kan ture tajaajiluun mootummaa Habashaa eege. Garuu nama ofii qopheefannaan, Aliin akka halagaatt ari’ee milkaawuu saa namichi Mootittii Viktooriyaatt gabaase.

Dargaggoon Oromoo dudhaa nagaa fi araaraa akaakilee saaniif amanamummaa agarsiisaa jiru. Kun akka wallolli noola yk balaan namoota irratt sababa lammummaa, amantee, fi ilaalcha malbulchaan hin jiraanne raggaasisaa. Kanaaf Oromiyaa keessa waldhabdeen akka Somaalee fi Ruwandaa ni jiraata jedhamee wanti sodaatamu hin jiru. Oromiyaan Oromiyaa dha; biyya aadaa malbulchaa hidda gadi fagoo qabdu malee biyya biraa miti. Oromiyaan garri tokko Muslima, garri tokko Kiristtinnaa garri biraa Waaqeffataa kkf ; guutummaatt garuu Oromiyoo dha. Kaliifoti dhufanii Kaliifoti Lixa Gidduu keessa darbanii jiru; garuu waanti sodaatamu isaan keessaa madde hin jiru. TPLF Muslimooti karisoon Oromiyaa keessaan luuxanii galu jedhee soda facaasaa bahe. Lakkofsi Oromiyoo Muslimma guddaa dha. Kun akka waan mamsiisutt ilaalamuu hin qabu; biyyooti Muslima qofa tahaniif shororkeessoo hin jedhamne hedduu dha.

TPLF karisoota akkasii Gaanfa keessaa waranuuf, qaata dhibantaa saa USn qaxarame. TPLF Somaaliyaa akka dirree ajjeechaa dargaggoo Oromoo waraana saaf madaqfateett fudhate jira. Hedduun dhumanii warrattuu hin himamin jira. Kun utuu jiruu Oromiyaa tarree shorkeessoott dabaluun, kontrata qaxaramaa kan dheeressuufitt fudhatee jira. Oromiyaa akka adamsamtuu salphaatt fudhate. Qeeyeett akka gooltuutt ajjeesaa, madaqfatee shorookessotaan akka ajeeffaman karaa fittee irra kaa’a. Oromiyaan karisummaa kan ofirraa facistu anga’ooti tokko tokko fedhaniif utuu hin tahin mirga ofii tiffachuufii. Hundaan kan beekamuu qabu, waan Oromiyaa keessan dhufuu, gamtaa Oromiyoon malee TPLF hafee humnooti caalaa olhaananuu dhaabuu hin dandahani.

Lolli yk mormiin fixaqaccee irratt tolfamu lola noolaatt hin fudhatamu. Sun lola bilisummaa kan Oromiyoon hundi injifachuuf harka walqabatanii ka’uu qaban. Hawaasi sabgidduu keessaayyu aanga’ooti nageenya waloo tiksan, fixaqaccee Oromiyaa fi kolonota Itophiyaa keessaa dhaabuuf abbaawummaa qabu. Waa’ee ta’iisa shorkeessituu se’annaan uumamtee, Oromiyaa keessaa hulluqxee darbu yaaduu dhiisanii, dhibantaa saanii shororkeessaa tahe kan amma lammii qulleessutt empayera Itophiyaa keessa bobbahee jiru dhaabuun dirqama saanii hoodaa fi seeraatii. Karaa kamiinuu TPLF utuu ummatoota haxaawee hin fixin sokkuu qaba.Oromo fi Amaarri yoomaa akeeki sana godhaniif adda tahuu dandaheyyuu TPLFiin of irraa fonqolchuuf lolaanii jiru. Oromoof sun lola farra kolonummaa shaffisiisuu dha. Amaaraaf eenyummaa Amaaraa kan hanga yoonaa waaroo Itophiyummaa jala golgamee ture mullisuu dha. Lachaniifuu badii caalaa utuu hin geessisin akka TPLF itt gaggeessuu dandahan faluun dhimma walooti.

Harcaatuun Nafxanyaa gita olhaanaa fi galtuun maqaa ummataatiin baktii irratt utaalanii empayera oolchuuf marsaa jiru. Sirni kamuu Wayyaanee duba dhufu mirgoota qabsoo saanii dhawatan galmeessan fudhachuun barbaachisaa dha. Mirgi hiree sabummaa ofii hanga walabummaatt ofiin murteeffachuu isaan keessaa isa kootama. Akka ofirrooti tokko tokko jedhan, kun waan TPLF uume miti; waan Oromoon aarsaa tahanii argamsiisanii. Kanaa gaditt cehumsi naga qabeessi jiraachuu hin dandahu; Oromiyaan deebitee kolonoomuuf gamtaa hin agarsiiftuu. Sana jechuun akeeki mirgi aangoo Heera Wayyaanee 39in beekame kan irra darbamu utuu hin tahin kan akki hojiirra itt oolu dafee marihatamuu qaba. Bulchooti Nugusa duuba dhufan yoo gaaffiin Oromoo deebii argachuu baate empayertii burjaajii walirraa hin citne keessa akka galchu hubatanii jiru. Garuu itt fakkeessan malee dhugummaan deebii hin kennine. Lachanuu Oromoo sobanii mala haaraan sirna kolonii cimsuu irratt xiyyeeffatan. Kanaafi kan si’ana adda addummaan akka deebi’ee hin dhinnett kan caccabaa jiru. Oromoo fi kolonoota biraa daguun yoo itt fufe, isaanumatt deebi’ee biyya koloneeffataa jeequu dandaha.

Gara cehumsa naga qabeessatt kan geessan karaa hedduun jiraachuu dandahu. Tokko diina injifatanii biyya ofii harkatt galfachuu dha. Kan biraa marii nagaan furuu dha. Uumaa TPLF irraa yoo laalamu isa tokkoffaatu itt gaalcha. Garuu yoo ayyaanni gidduu seenee sirnichi akeekkachiisa malee lafa dhahe, yaadi dhuunfaa barreessaan kun qabu, sodaa gara Oromoon dhufuu dandaha jedhan yarsuuf “Yaa’ii Goloota Hundaa” waamuun dirqii taha. Yaa’iin akkasii too’annaa STiin gaggeeffamuu qaba. Dhaaboti malbulchaa hanga yoonaa beekaman empayera Itophiyaa fixachiisuuf “Yaa’ii Goloota Hundaa” kanatt jila ergachuu dandahu. Sanaaf sonni cehumsaa itt haansee empayerri garamitt akka deemamuu fi hireen saa maal akka tahu mari’achuu, kan hundaaf carraa kennu tokko akka barbaachisu hedameetu.

Gidduutt madaa tibba kolonummaa dhinsuuf tattaaffiin tolfamuu dandaha. Yoo waggoota qoramsaa fi gidiraa kana hunda duuba kanneen finnaa empayeraa tursuu barbaadan jiraatan yaa’ii akkasii irratt giidoo ofii fixuun ofumaa yeroo balleessuu taha. Kanneen jijjiirama gaafatanii fi wanti halle akka turett jiraachuun mormaniif referendum qabaachuun furmaata demokraatawaa tokkicha. Oromoon mirgoota dursanii galmeeffatan irraa qubaa tokko gad hin dhiisanii; sanatt dabalanii wareegama waggoota digdamii shanan darbaniif caalaayyuu eeggatu. Kan jalqabuma irraa kaasee, taliila’ee hubatamuu qabuu adda addummaa Itophiyaa fi Oromiyaa gidduu jiru. Tokko koloneeffataa dhaa kaan koloneefatamaa dha. Sun rimsama bu’uuraa kan ture irraa addatt hariiroo fuladura uumuuf akka Habashaan itt ilaalan walqixxeeffamu qaba. Eenymmaan Oromoon kanneen biraa irraa addatt qabu afuuffaa xurumbbaa fi hooyya hooyyeen hin haqamu. Oromoon akka qabama saaniin duraa soda ofirraa gatanii yoomuu caalaa kutatoo fi dammaqoo tahanii jiru. Garbummaan jiraachuu manna du’anii biyyoo nyaachuun akka leellifamu ifatt agarsiisaa jiru.

Sii’ach fedha saanii utuu hin ifsatin Itophiyaa jechuuniin akka arrabsoott fudhatama. Kana caalaa Oromiyaan, Itophiyaa jechuun jibbisiisaa dha. Eenyummaan sun, xinnoo jaarraa tokkoon dura kan humnaan irratt fe’amee. Guyyooti sun godaannisa saaniif malee darbaa jiru. Amma yabboo naga qabeessa irratt nagaan walirraa guutummatt gargar deeman yoo jiraate dansaa. Gaaffiin nagaaf dhihaate didamnaan waan fedhe baasisa malee qabsoon itt fufa; injofannoonis mamii hin qabu. Gara murtii nagaa diddaatt dhiibuun abbaawummaa dhabuu fi kan lola wal fixaa fi manca’ina waloott geessuu tahuu dandaha. Oromoon bilisummaaf waan lolataniif sodachisaa fi daga koloneeffatoota haaraan kana achi mirga saanii gonka gad hin dhiisanii . Koloneeffataan kan qabu irratt dabalatee ummatoota biraa irraa kan bute jabeeffachuuf carraaqa. Amaara biyya Amaaraa jiru irraa Oromoon rakkoo hin qabnu; harcaatuu Nafxanyaa waan durii hoduun dhagahan qofatu rakkina uumuu yaalaa. Kiristinnaa Ortodox tahuutu Amaara jechisiise malee ababileen saanii duula koloneeffataaf eessatt akka qaxaramanuu hin beekanii. Kan nyaachisee guddise Oromiyaa dha, garuu abaabilee hin beekneef isee ganani. Oromoof isaan Oromiyoo dha, haa tahu malee isee loluu irra yoo lolaniif sana argatu.

Oromoon mirga ofii gaafataniif Wayyaaneen lafa irraa haxaawanii jirti. Qeeyeen saani manca’ee, dhugeeffannoon saani arabsamee, daa’immi saanii qalamanii, dhalaa saaniitt rorrifamee fi lafti saanii samamee, gidraa ilmoon namaa baachuu hin dandeenye jalatt kufanii jiru. Ilmaan Oromoo yoo waan goonu dadhabne, gaddi saanii, gootummaan saanii fi gidiraan argaa jiran afaan keenya keessaa bu’uu hin qabu. Bakka deemne hundatt waa’ee saanii haa labsinus haa lallabnus, faaruu adda addaa haa farsinuufi. Yeroof nama gidirti malee dinni keenya akka awwaaraa faca’uun see hin oolu. Dhuma irratt qajeeltuun garuma cunqurfamaa jiraati. Oromiyoo fi hamaan irra gahan amma bakkee jiru. Sii’achi kan dhossuunii dandahu hin jiru. Kanneen kaasaa isaan kufaniif ganan hunda, lafeen maanguddoo, daa’imman, haadholii fi dargaggoo Oromoo isaan haa waraanuu malee mal jenna. Oromiyaa bilisaa fi walabi haa jiraattu! Cunqurfamooti irra haanu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; bilisummaa, walqixxummaa fi balchummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri sabichaa fi Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Fulbana 2016

Add comment