IBSA EJJENNOO GUMII TOKKUMMAA ABBOOTII GADAA OROMOO

Published by Staff Editor on

IBSA EJJENNOO GUMII TOKKUMMAA ABBOOTII GADAA OROMOO WALTAJJII MARII ABBOOTII GADAA GODINOOTA OROMIYAA MARA IRRAA WALITTI DHUFAN MARII GUYYAA SADIIF (HAGAYYA 24- 26/2008 A.L.H) GAGGEEFFAME

BAKKA: HOTEELA RIZORTII SOODAREE

Nuti Abbootiin Gadaa Oromoo rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa hiikuuf mootummaa fi uummata gidduu taanee hojjechaa turuun keenya ni beekama. Keessattu rakkoolee nageenyaa biyya keenya keessatti uumame ilaalchisee yaada furmaataa akka mootummaaf dhiyeessinetti guutummaa guutuutti hojiirra oolee hin jiru.

Gaaffilee ummatni qabatee hiriira bahullee abbootiin taayitaa irra jiran gaaffiii uummataa kana seeraan dhiyaatanii deebii kennuurra humna waraanaa qofaan fayyadamuun rakkoo hiikuu hin dandeenye. Sababuma kanaan yeroo yeroodhaan reebichi, ajjeechaan, hidaan uummata keenya miidhaa jira.

Kanaafuu, shakkii qofaadhaan hidhaa fi reebichi ajjeechaan hammaataa jira. Ammas irra deebinee yaada furmaataa kan kenninu haala armaan gadiitiin ibsa ejjennoo qabxii kudha sadii(13) qabuun ibsina.

1. Ummatni Oromoo kamiyyuu godiinaan ,aanaan, gandaan, amantiinii fi ilaalcha siyaasaatiin osoo wal hin qoodiin gaaddisa Sirna Gadaa jalatti duudhaa Sirna Gadaa Oromootiin tokkummaa keenyaan Gadaa keenyani jabeeffanna.
2. Waraanni mootummaa Fedreraalaa daangaa biyyattii eeguurra taree , seeraan ala daangaa mootummaa naannoo Oromia cabsee seenuun, kutaawwan Oromia adda addaa irra qubatee jiru, waraanni kunis aadaa , duudhaa fi afaan ummatichaa waan hin
beekneef hubaatii fidee jira , akkaata Sirni Gadaa kaa’uun hogganaan waraanaa Abbaa Duulaa jedhamu dhaabbannee isa jalattiimmoo kuusaa, dabballee fi foolleedhaan rakkoowwan naannoo keenyaa kamirrattuu akka ofii keenyaan furannu ummata keenyaaf dhaamsa
dabarsaa waraanni kun akka nurraa kahu mootummaa federaalaa ni gaafanna.
3. Badii fi seera malee namoonni keenya mana hidhaatti guuraman yeroo dhihootti akka gadi lakkifaman sagalee tokkoon gaafanna.
4. Namoonni dhiiga Oromoo taatanii lammii keessanajjeestanii fi ajjeesaa turtan, waan hamaaf dabarsitanii kennitan sobaaf raga baatan , guyyaa har’aatii kaasee yaa’ii tokkummaa abbootii gadaa oromoo kun maqaa uummata oromoo kabajamaa fi guddaatiin badii darbeef dhiifama gaafattanii,dhugaa lammii keessaniitiif akka dhaabbatan isinii dhaamaa, kanarra kan darbe kana booda gocha kana irra deebitanii yoo raawwattan lafee fi dhiigni ilmaan oromoo, akka safuu fi safeeffannaa.Sirna Gadaatiin kan isin gaafatu taha.
5. Ilmaan Oromoo naannawaa Finfinnee lafarraa buqqaa’an akka deebi’anii manni jirenyaa kennamuuf ni gaafanna.
6. Irreechi hora Finfinnee akka nuuf deebi’uuf fulbaana 24/2009 ummatni Oromoo fi Abbootiin Gadaa achirratti argamuun akka kabajannu beeksisaa akka nuuf mirkanaa’u ni gaafanna.
7. Qotee bulaan sababa baballina masterpilaanii magaalaatiinii fi investimentiitiin uummata keenya lafarraa buqqisaa jiraachuun akka nurraa dhaabbatu ni gaafanna.
8. Hojii dhabdummaa Naannoo Oromiatti babal’ataa jiruufi naannoowwan magaalotaa fi Finfinnee jirurratti dargaggoota yuniversitii fi koollejii irraa eebbifamaniif rakkoo hojiidhabdummaatiin dararaman haalli mijachuun deeggersi barbaachisaa tahe akkagodhamuuf ni gaafanna.
9. Nuti uummatni Oromoo sabaa fi sablammiiwwan jiran waliin nagaan jiraachuu barbaadna. Sababa daangaan keenya sharafamaa jiruuf uummatni keenya sabaa fi sablammiiwwan ollaa jiruun walitti bu’aa jira. Kanaafuu, mootummaaan kara lachanuu ilaaluun furmaata akka kennuuf ni gaafanna.
10. Sirni Gadaa Oromoo safuu fi safeeffannaa isaa ganamaa eegee caasaa qabuun akka ijaaramuu fi kan ijaaramee jiru jabinaan akka itti fufu imaanaa guddaasaba keenyaaf kallattii hundaan cimsinee haa hojjennu.
11. Sirni Gadaa Oromoo Sirna Bulchiinsa Oromoo karaa nagaa fi tasgabbii qabuun rakkoowwa hawaasaa hiikuun aadaa fi duudhaa hawasaa babl’isuun abbaa qabeenyummaa dinagdee hawaasichaa kan mirkaneessudha waan taheef sirni kun jabeeffamuu kan qabuu fi kan ittiin bullu tahuu uumata keenyaaf dhaamsa dabarsiina.
12. Sirni Gadaa Oromoo faajjii mataa isaa: Gurraacha, Diimaa Fi Adii kan qabu dha.kanaafuu ummatni Oromoofi ummatni Ayyaana Irreechaa fuuldura keenyaa kamirratuu kabajamu irratti Faajjii kanaan ala alaabaa dhaaba siyaasaa kamiyyuu qabatee akka hin dhufne niakeekkachiisna.
13. Afaan Oromoo afaan hojii federaalaa akka tahu ni gaafanna.

KAN MALLATTEESSAN ABBOOTI GADAA OROMIYAA MARA

HAGAYYA 26 BARA 2008 A.L.H

SOODAREE OROMIYAA

Facebook Comments (enable 'Browser Tracking' for this)

Categories: News

2 Comments

afmv6Pe410vx3 · 2017-06-10 at 04:51

527228 637918Flexibility means your space ought to get incremented with the improve in number of weblog users. 791735

Mulataa Damaqssa · 2016-09-03 at 01:23

This so called Abba Gadaa Council are nothing but camouflaged branches of well-fed collaborators (OPDO) that the TPLF is using in its genocidal war against the Oromo people. These individuals were selected, organized, funded, and directed to fool and confuse the struggling Oromo people in order to save the desperate and collapsing Tigre regime. It is a usual Abyssinian (Tigrayans) conspiracy designed to systematically silence the Oromo people and extend their fascist rule in Oromia. Our people know better and I am confident Oromo people will never be fooled by these servil and stop their march for freedom and independence. The ever rising Oromo nationalism, consciousness and determination to stand up for their rights surpasses the OPDO and TPLF charade. The Oromo people fully understand that this “Abba Gadaa Council” = OPDO= TPLF=enemy who declared war on Oromo people in November 2015.

I always loved and support the OMN and will continue to do so. But it is disgusting to hear from media owned by Oromo people praising to report the conspiracy of Abyssinian (Tigrayan) and tools (OPDO) as a genuine Oromo Abba Gadaa Council by the OMN.

We all understand the ethics of journalism to report what they witness, but this was done to destroy the Oromo struggle and conspiratorial. The should explain what it is designed for, which is unleashing its dogs (traitors) in the name of Abba Gadaa Council. How dare the OMN read to the Oromo people the conspiratorial document written by the TPLF and handed down to OPDO for the purpose of destroying the Oromo liberation struggle. The struggle for freedom and independence will continue. Victory to the people!

Leave a Reply

Copy link
Powered by Social Snap