Oromia Today

Independent Voice of Oromia

Misooma Oromiyaaf Lafaa fi Qabeenya Oromiyaa Bilisoomsu

Itana Gammada Ebla 18, 2019

Walbarsiisa 

Sabi tokko misoomuu fi duroomuun hafee yoo lafa, qabeenya fi dandeettii qabeenya sana gara misoomaa diinagdeetti masaku dandeessisu irratt too’annoo hin qabaanne itt fufee jiraachuu hin dandahu. 

Wanti karoorri misoomaa dhimma baasu gaafatu 1) qabeenyi sabaa jiruu bilisummaan sosso’uu dandahu 2) jaarmaa sabaa jabaa ummata wiirtuu tolfate 3) hoggansa jaallatamaa fi abbaawummaan itt dhagahamu 4) jijjiiramaa dhaabaa hundee 5) gocha waloo jechuun, qabeenya sabaa, oguma namaa dabalatee dhimma itt bahuuf, qooda fudhannaa fi wareegama sabboonotaa hunda qabeenya sabaa kan oguma namaa dabalatutt dhimma bahu.

Akeki barruu kanaa adeemsa karoora misa diinagdee maljechisiisuuf yk fakmishoo/model tokko irratt yaada kennuuf utuu hin tahin lafaa fi qabeenyi hawaasa Oromoof maal jechuu akka tahe qoruu fi barbaachisummaa isaan, diina jalaa misa hawaasoma diinagdee fi aadaaf  bilisoomsuu dubbachuufii.   

Oromiyaan qabeenya uumaa hin tuqamin guddaa qabdi; laggeen jallisii fi humna kennuu fi dandahan hedduu; kuusaa albuudaa gatii qaban akka warqee, meetii, marble (balacco), fi kanneen biraa qabdii. Kanneen jiraachuun misoomaaf humna riphaa guddaa qabaachuu agarsiisa. Akkuma ummatoota biraa sabi Oromoos of ijaaranii lafa ofii misoomsuu caalaa wanti fedhan hin jiru. Garuu hamma qabeenya ofii too’atanii bu’aa ofiif dhimma itt bahuu dandahanitti sun tahuu hin dandahu.

Caasaa hawaasoma diingdee kan nagoomaa fi homishaawaa madisiisuu dandahu maddisiisu  ijaaruun jaarmaa ilmoo namaa dhimma baasu feesisaa. Kunis darabee saa walqunnamtii atome hawaasa keesaa.argamsiisa. Diinagdeen alaa akka hin too’atamne hoggansi biyyaa ummata aangessuu qaba.Haala ammaa baruuf qofa utuun hin tahin akka abbaa biyyaatt mirga ofii shakaluu fi humna itt gochuuf  Seenaa, malbulcha, mootummaa, hawaasquwi (sociolojii) fi malbulcha barsiifamuu qabu..Beekumsa dhabuun kun akka dhiibbaa alaaf sarmaa tahanii abbaawummaa gara saba sabi of oolchuu dhabuutt geessuu dandaha..

Yeroo namooti biyyaa qabeenya saanii irratt abbaa tahan aango argatu, aangoon snis deebi’ee hawaasicha keessa faca’aa..Haa tahu malee yaa’I abbummaa fi too’annaa kan shakalamu tahuuf hoggansa barsiisuuf, sosso’aa fi hawaasa hirkannoorraa irraa bilsoomsuuf  jabaan dandamataa daaya fi dudhamaa tahe jiraachuu qaba.   

Lafaa fi qabeenya bilisoomsuun maaliif baraachisa 

Jaarraa 19faagara dhumaa kahee Oromoon lola wal irraa hin cinne hadhaawaa koloneeffatoo Habashaa lafa qabatanii, ummaticha hacuucuu, itt roorrisuu, saamuu fi hundee buqqisuuf abbalaa ture waliin gaggeessaa ture. Haa tahu malee koloneeffatoon Habashaa ifaajjee qabsoo bilisummaa saba Oromoo hawwii saa badaatt milkaawuu hin dandeenye ture. Saba Oromoo gutummaatt too’achu hin dandeenye, fedhi aadaa, seenaa fi sirna Gadaa demkratawaa saanii diiguunis milkaawuu hin qabu. Lolli of oolchuuf dhalootaa dhaloota ummata Oromoo bilisummaa, nagaa, wayyaa’ina hawaasomaa, fi ulfina saba saaniifii kutataniin itt fufee jira.

Erga qabammi barbadeessaa tahe Minilik IIn tolfamee kaasee ummati keenya seenaa jannummaa fi ulfina ofii hidhataniin weerartuu of irraa lolataa turanii. Waraanoti qacceefixiisaa Oromiyaa irratt gaggeeffamaa jiran Oromoo akka hin jiraanne haxaawuu fi gochuufii. akka sabaa fi ummataatt hin jiraanne gochuun gonkuma lafa irraa balleessuuf karoorfatanii jiru.

Qabeenyi madda jireenya namaa fi bu’uurri hawaasomaa fi waatattaa isaan irratt hundaawa. Yeroo sabi tokko yaa’a misoomaa eegaluu waa’ee qabenyaa barbaachisuunii irrat beekumsa misa diinagdee waara argachuu dandeessisu argachuu qaba. Sabootu hundi dureessa haa tahu hiyyeessa, egeree diinagee saanii fromsa roga diinagee addunyaa waliin raajachuun waan jiru. Haa tahu malee karoora misoomaa yayyabanii egerreef hojii irra olchuun qabeenya saba ofii jiru heduu gaafata. Hariiroon malbulchaa fi diinagdeen mootummaa bucuu Abisiiniyaa gidduu jiruu fi itt fufaa jiu Oromoo wayyaba tahe gidduu jiru kan cunqursaa fi cunqurfamaa gidduutii. Aka seenaan mullisutt hariiroon kun guddina hawaasoma Oromoo fi diinagdee qofa utuu hin tahin hidda hawaasomaa fi aadaafis gufuu taha. Jaarraa 19faaMinilikiin weeraramuu fi qabamuu Oromiyaatii eegalee hanga hardhaatt qabeenyi Oromoo halagaan too’atamaa, saamamamaa fi barbadaawaa, Hawaasi Oromoo bu’aa qabeenya saan uumaa fi humna saa irraa ittisamee ture. Aburii statistiks akka agarsiisutt 68% GNPn Itophiyaa hoomisha qonnaa fi qabeenya Oromiyaa biraa irraa argama.  Gaaga’ammi fi wareegammi dargaggoon keenya hardha lafa saanii qabaa fi olhantummaa halagaa jalaa baasuuf kaffalaa jiran itt cichoomaa dhiicha gara of jiraachisuutt godhamuf raga dha.  

Hojiin qabeeenya too’annoo fi masaka dhaloota biyyaa seerawoo jala galchuun ofbara malbulchaa fi bu’uura diinagdee dhaloota biyyaa ballisuu gaafata. Kun aadaa saaniin hedhachiisuu fi weerara  fi cunqursaa alaa itt dhufu jala dhaabbachuu akka danda’an sirriitt kakaasuu dabalata.  Kan yeroo hundaa yaadatamuu qabu qabeenya uumaa too’achuun tarsiimoo misooma diinagdee qofa utuu hin tahin baraaramuu fi nageenya egereef carraa isa dhumaatii.

Lafaa fi qabeenya bilisoomsuu fi eeguuf tarkaanfii jalqabaa

Utuu lafa hin bilisomsin misommi diinagdee hin dandahamu. Saboti yk hawaasoti ol kahaa jiran utuu moseensa hin jalqabin dura gurmeessa qabeenyaa karaa halleen qorachuu qabu. Tarkaanfiin jalqabaa qabeenyi jiru hundi (humna nama, waatattaa dheedhii, oguma fi iyyaati) qabaa akkaatt galuu mirkaneeffachuu dha. Gara Oromiyaatiin hundeen lafaa fi fi qabeenyaa bilisomsuu dandeettii itt hanan irratt hundaawa: a) gadi qabaa halgaa jalaa bilisummaa saba Oromoo baasuu gad jabeessuun, eenyummaa seenaa fi aadaan umata kakaasanii ijaaruu dha, b) Hariiroo hawaasa keessaa atomama qabu daga, kan hin taane fakkachuu fi addaan baastummaa irraa bilisa tahe gad dhaabu. c) ummata ballaa kaasaan rakkina jiruu maal akka tahe akka tokummaa, saba ijaaraa fi misooma akka jajjabeesuu barsiisu. d) durooma sabaa homishanii akka too’ataniifi eegumsa qabeenya saanii akka mirkaneessan, ummata barsiisanii humneessuu dha. e) humni biyya qabatee jiru, qabeenya Oromoo gara garaa akka hin bolqinee fi bakka biraatt hin dabarsine dhaabuu dha. f) gumii “Ambaa fi Ittisa Qabeenyaa fi Kunuunsa Oromiyaa balloo haammatu ijaaruun dha, Habashaan Oromiyaa qabattee yeroo mirga seeraan qabani fi hawwii hawaasa Oromoo hacuccu, ofi daangaa malee itt basha’aa jiraattu. Amma hariiroon kolonummaa yeroo itt raawwachu qabu. 

Qabama Qacceefixii (duguugaa sanyii) gaggeeffama jiruu fi Imaammata Balleessa TPLF

Kufaatiin mootummaa Magistuu bara 1991 dararama sabootaaf kolonummaan Habashaa waan itt fufeef furmaata fiduu hin dandeenye. Addi Bilisummaa Tigray biciree bucuun empayerichaa golee kaabaa keessaa batee lafa ballaa dhaalmaan argate akka itt qabdu tarsiimoott galfachuu eegalte. Tarsimoon mummichi Oromiyaa garoota empayeraa hafan waliin qabachuu; akka mootummoota alaaf meeshaa tahanii tajaajilanitt tumsituu keessaa waliin ijaaruu; Oromoo fi mornoota lammoota biraan walitt naquu fi dhuma irratt korporeshinoota sabahedduu afeeranii yaa’a qabiyyee deggersiisuu.

Demokraasii fi charterii hedhataan qabatattee TPLF karaaa mimiccira malbulchaa, hirree lolataa fi ajjeechaa. buqqisa, cagada fi tuutaan hidhuun akka hamaatt hacuucuu fi deegsuu murteeffatee jira. Jane Curtz akka hubatetti, “Bantiin Afriikaa, Itophiyaan”.Tigreen murnoota wayyaba keessaa isee xiqqishuu 8% dilormichaa taatii. Tigree fi Amaarri aadaa Seemummaa   kan qooddatan aadaaa fi malbulcha Ethiopiyaaf danaa kennanii jiru.. Tigreen Kiristaanummaa Itophiyaa qulqullummaa saan qabatanii jiru.2 Abjuu kolonummaa kana bakkaan gahachuuf  TPLF waa maluu qaba: Kallachummaa empayera Itophiyaatt of jijjiiruuf maqaa tahu ummachuu qaba, of  yoo “Adda Demokraatawaa Ummata Itophiyaa (EPRDF) jedhee moggaasu waluma faana “dhaaba ummatootaa demokraatawan” jechuu kan sabota addadaa irra babahan boojuu waranaa TPLF fi EPLF harka turan irraa ijaarrate. Malli kun hojii jalqabaa TPLF Oromiyaa, the Amhara, Afar, Hadiya, Sidama, Walayta, Kambata, Konsso fi Ogaden haleeluu gargaareen ture. Akka birkii qormaataa US Itophiyaa jiruutt;A Country Study(1993): Yeroo EPRDF Dhaba demokratawaa Ummata Oromoo fi Dhaaba Demokraatawaa Sochii Qondaalota Itophiyaalamaanuu 1990 keessa TPLFiin uumaman” tarsiimessoon Tigree tokkummaan murnoota kana dhuma irratt TPLF akka hundee saa Tigrayi gamatt ballifatu gargaaru dandaha jedhanii abdatanii turan. Eegalooti mootummicha gargaaruun abdatame garuu EPRDF, TPLF huccuu Amaaraa jalaa malee waan biraa miti jedhanii balaaleffatan”.3

Akka TPLF/EPRDF abbalutt injifannoon warana Itophiaa irratt argame kan saa qofa utuu hin tahin aangoti mootummaa Mangistuu kuffisan kan tuutota ummatootaa adda addaa keessaa babahan adda hundaa qabsaawanii. Jane Crtz mirkanii kana hubate, “Akkaata qonnaa  wayyessuuf mootummich komunistii waldaa qoteebulaa ijaaruu eegale, garuu qotee bulaan akka diina waan godhan namatt himu malee kan dhaaba imaamata saanii diiguu isaan gargaaru miti jedhanii ciiga’an,  qonnaan mootummaa fi gandi guutummaatt addaan cabee ummatooti gara jireenya barbaadaniitt shaffisaan sokkan.” 4

Caamsaa 1991 erga aangoo butee yeroo bitatee aangoo jabeeffachuun mootummaa TPLF uummachuu fi hidhata cehumsaa dhaabe. Duulli saanii gargaarsa dhaabota horoo fi mootummoota sagidduun doolara biliyoonaan lakkaawamannii jarjarsamaa dhufe.Jalqabumaa, TPLF kan dhaabame Gaanfa Afriikaa jeequu fi olaantmmaan gaggssuuf ture. Duris mootummoti saba bucuu Habashaa sochii bilisummaa Oromoo ukkaamsuuf anga’oota alaa irratt hirkachuun beekamaa ture. .Roguma sanaa irra bu’uun EPRDFis si’ana hagam mirga ilmo namaa irra haa eejjetu, ummatoota kibbaa irratt badiisas haa hojjetus mootummoota dhihaa irraa gargarsa guddaa argataa jira.  Akkuma Mootummaan Cehumsaa Itophiyaa dhaabbateen Amerikaa fi Baakiin Addunyaa bulcha Mallas Zeenawiif gargaarsa hooriif irbuu seenaniif. Onkololessa 6.1992 Washington Post akka gabaasett, “ United States gabaa dorgommee misoomsuuf f $161 wagga sadii irra hiree, akkuma Baankiin Addunyaa $kumkuma 750 diinagdee jalqabsiisuuf godhe.”. Kanatt dabalee dhaaboti horoo Addunyaa akaa $biliyoonii 1.2 akka gargaarsa diingdeett EPRDF Mallas Zenawii kennuuf lalabanii jiru. Washington Post Onkololessa 6 1992 akka gabaasett,”Liqeessitooti Lixaa irbuu Mallas demokraasii  fi gabaa bilisaa fudhachuun Sadaasa keessa $biliyoona 1.2 hirdhina bajetaa kan guutu liqeessuufii dhaaf walii galan. Aka hangameessa sabgidduutt hammi saa guddaa tahuu baatus diddaa dur gargaarsaaf jiru cabsuu bakka bu’aa taha jedhan qondaaloti Lixaa.5

Akka qaama karoora ballaa ejjennoo EPRDF cimsanii Oromoo fi ummatoota koloneeffaman kibbaa horiin deggeggerruuf itt dhangalaasuun caalaa Dabalaa deeme. TPLF jalqabumaa Oromiyaa qabatanii qabeenya see guddichaa fi dureessa too’achuun gargaarsa alaa fi kalchituu keessaa malee akka hin dandahamne beeka.

Karoorri kolonummaan qabachuu kan Nugusa Leopold Beeljigii fi Ceci Rodessii Britania lafaa fi waatattaa dheedhii barbaacha jaarraa 19thkeessaa kan anga’oota Awuropaan hedduu barbaachisu argachuuf tolfameen wal fakkaataa. Akkum sanaa koloneeffattuun gurguddoo Tigray afeerraa mootummoota alaa fi digaluu qeeyee kanneen saamicha guddifachuu fi bu’aa saamicha olhaantummaan argame walii qooduu malee namummaa fi lubbuu fi nageenya ummata empayerichaaf dantaa hin qabne gochaa jiru. Akkuma aangoo qabateen, TPLF lafti baadiyyaa fi magaalaa kan finnaati jechuun akka fedhett dhimma itt bahuu dandahus hime. Imaammati wajawajaa kiraayii lafaa kennaa lafaagurgurtaa kubbaaniyaa, hayyama abbummaa fi mirgi albuuda baasuu kubbaniyyoota qeeyee fi sagidduu diinagdee kolonummaa, malbulcha fi tooftaan lolataa isa jaarraa 19faa  walfakummaa qabuu.6

Akkumaa kallachooti kolonummaa saboota Africaa hedduu of jala galchanii lafaa fi qabeenya saanii bu’aa ofiif gara ofii fi nambiyyoota biyyabiyyoota Awuropaaf  jallisan, TPLF imaammata kolonummaa walfakkaataa Oromiyaa keessatt shaakalaa jira. Akkuma King Leopold III Beeljig Koongoo qabatee hacuuccaa kana hin jedhamne irraan gahe Mallas Zeenaawiin Tigray Oromiyaa qabatee waraana qacceefixii kan diinagdee Oromoo fi dhaabota saanii barbadeesse gaggeessuutt kahee. Warqee, buna, dhagaa marbil midhaan, hoomisha mukaa kkf. biyya ofii Tigraayiif qooduun, kan jarri Awuroopaa kolonoota saanii Asia, America Kibbaa fi Afrikaatt.gaggeessaniin garaagarummaa akka hin qabne ifaa dha. Waggoota digdamii torban darban keessa gochii TPLF/EPRDF fi kalchooti saa qabeenya Oromiyaa bolquun shaffisiisaa dabalee jira.Qabeenyota kana keessaa tokko tokko kan bakka hin buufamnee.  

Maqaa qubsiisaan dhibbi kumumooti Habashaa lafa Oromoo fudhachuuf kibbatt gad yaa’aa jiru. Jalqabumaa qabiyyee sirnaawaa qubattootaan koloneeffachuu kan ture ammas magaalaa fi baadiyyaatt itt fufee jira,. gurguddoon Tigroota akkuma Afrikaanota adii Kibba kanneen sirna apartayid hoggananii jibba daangaa hin qabne sanyii irratt hundaawe fi imaammata tuutaa buqqisaa  bakka bucuun wayyaba deegsistee akka feetett bulchituu isaan godhaa.

Yayyabi kolonummaa TPLF sirnumaan Oromoo irraa qabeenya saanii seerawaa irraa mulquu qofa utuu hin tahin dirii hawaasomaa saanii fi madda diinagdee dhabsiisuun dhaabbataatt Oromiyaa jalee Habasaa gochuu dabalata. Afeerraan kor[oreeshinoota sabgidduu fi “investerootaa” akka Oromiyaa keessatt hojetaniif kan TPLF qabeenya sabootaa fi sabaawotaa empayeritt keessa jiran saamuuf akka karoora waliigalaa qabu taliilessaa. 

Badiisa humnaan Oromiyaa keessaa ari’amuu

            Imaammati qacceefixii dilormaa Oromoo humnaan lafa akaakilee saanii irraa kaasuu qaama yaa’a fixiisa kan qaama, diingadee, fi aadaan Oromiyaa keessaa namoota magaalaa fi baadiyyaa kukumoota hundee buqqisuudabalata. Waggoota 27 darbaniif lolota malbulcha, diingadee fi aadaa deggertoota kolonummaa saa di kalchoota keessaa tabalatee badii dandahame hunda Oromoo empayerittii keessa jiranitt raawatee jira. Jaarraa tokko oliif Habashaan bifa lafa Oromiyaa geeddaruuf Oromoo balleessuun geeddaree abbaa itt tahuun qubsiisaa fi ofiitt makuu   miltolee saa kolonummaan deggeramee dhiibaa turee..  bara darban TPLF lafa dsaanii durdurii irraa Oromoo kukuma dirqiin kaasuun biyyichii dhuunfaa qubatootaa bakka lakkisee akka dhuunfaa qubattoota Habashaa tahu aggammatee ture. Hamilati Habashaa jaarraa 21th gocha qacceeffjixisaa fi lammii qulqulleessuu guddicha addunyaan argee hinbeeknett hedama.finfinnee fi naannaa seetii nammi kukuma lamaa ol tahan lafaa fi mana dhaloota darbe  irraa dhalmaan itt darbe kaafamanii sanaan hawaasa qonnaan bulaa hedduutu sossosamee.

Maneen ji’aa yks “ye caraqaa beetooch” jeedhamee kan waamamuu kun, waabraa otuu hinta’in weerarsa lafaa bifa haaraan qindaa’ee saba saamuu fi dhabamsiisuuf akka deemaa jiru agarsiisa. Ji’att dhimma bahuun halkan mana ijaaruun kan mulisuu yoo jiraatee, dheebuu habashootni lafa Oromoof qaban addeesee agarsiisa. Hardha, qonaan bultootni Oromoo naannoo magaala Finfinnee jiraatan, miliyoonaan lafa dhalootaa isaani irraa buqqaa’ani giddiraa fi iyyummaa dangaa hin qabne keesatti galani jiru; lafaa fi qabeenyaan isaanis ifatti harka alagaan dhuunfatamee jira.

Maqaa Finfinnee guddifnaan Mater Planii duuba yaadi ture waan biraa utuu hin tahin danbalii duguggaa hedamee humnaan kaasuun ofii itt galanii magaalicha dhuunfachuu dha. Diree Dawaa, Gobba Baale, Shashamanne, Asoossa, Adamma fi magaalota guddataa jiran biraatt sagantaa qacceefiixii wal fakkaatu deemaa jira. Karoorri guddaan ummata buqqisuu kan yayyabame sernaan saba Oromoo dukkana jala dhoksanii finnaa ofii handhuura Oromiyaa keessatt ijaarrachuufii..Yakkamtooti kun roorroo hedduu, gola finnaa, ukkaamsa hamaa, fi qulqulleessa lammii Oromiyaa balloo fi saboota empayerittii biraa irratt raawatanii jiru.   

Waan Ta’uu Qabu

            Wanti mummichi Habashaa fi Oromoon irratt wal dhabaa turanii fi itt fufaas jiru lafa, waan lafa keessaa bahu fi waatettaa dheedhii Oromiyaa keessatt argamu. Mirkanii kana irratt hundaawee furmaati tokkichi Oromoon qabu a) Lafa Oromoo jalaa diinaan hatame karaa dandahameen qubi tokko utuu hin hafin deeffachuu; b) qabeenya saamame hunda deebisiisuu c) qabeenya sabichaaf hedduu barbaachisaa tahan akka waatataa dheedhiif furtuu tahan  aka bunaa, xaafii, atara soy fi midhaan nyaataa, misooma egeree fi guddina Oromiyaaf tooannoo, eegumsa fi gurmeessa gaalchaatt deebisuu. Bunii fi warqeen qabeenya Oromoo kan tahan dugugguruu empayera Itophiyaa qofa utuu hin tahin geeddara alaaf madda tokkichaa. Kolonummaan Itophiyaa Oromiyaa keessatt kan ijaarame humna lolataa fi qubsiisa halagaan tahu ummati Oromoo irraanfachuu hin qabu. Ummati Oromoo ittisa malee ajjeechaa, guraarama, buqqifama, fi haleellaa weerartuu Oromiyaa keessa gadi fagoo seenen sabichchi badiisaaf saaxilamee ture.saaxilamee. Ummati Oromo keessaayyuu dargaggoon kun hanga yoomiitt gaggeeffamun hayyamamu sirinyaan itt yaaduu qabuu.

Xumura

            Bilisummaan malbulchaa fi diinagdee gurmeessii fi too’annaa waliigalaa qabeenya sabaa akka fedhamutt diinagdee deebisanii sirriitt ijaaruun kan yaadamu mitii. Utuu misooma diingagdee fi guddinatt hin bobba’in dura tokkummaa akeekaan ka’anii ofii fi lafa bilisoomsuuf kan dandahamu hunda gochuu qabu. Lolli lafaa fi qabeenya sabichaa hatamee deebisiisuu tokkummaa ummataa fi warraaqsaa (diddaa noolaa) deemaa jiru baballisuuf kutannoo lafaa fi waan kan biyyatii qabateen fudhataman hunda deebisiisuu feesisaa.

Yeroo dargaggoon Oromoo ka’anii mirga sabummaa ofii gaafataa jiranii fi hedduun bilisummaa fi qabaa qaccefixaa tahe, saamicha lafaa, fi qabeenyaa  TPLF raawwachiisuuf itt wareegamaa jiran kana callisuu fi dubbii “dabalamuu” dantaa dhabuu fi malbulchaan walxaxuun furmaata barbaachisuuf bakka hin qabanii. Dargaggoon Oromoo empayeratii keessatt laboobaa bilisummaa qabsiisan, ummatoota Itophiyaa keessa jiran, bulcha hamaa TPLF/EPRDF jalatt dararamaa jiraniif humna fakkeenya tahanii.

Hin raawwatin malee, injifannooleen hardha agarru dargaggoo kutatoo janna tahanii fi sabboonota jaalbiyyoota tahan kanneen wareegama guddaa baasanii fi ammas baasaa jiran irraa akka argame mamiin hin jiru. Addunyaatt akka qabsoo sabaawaan Oromoo qajeeltuu, kan mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu gaafatu tahuu agarsiisuu dandahanii jiru. Waggoota digdamii torban darbaniif TPLF kalchootaan deggeramee waan dandahame hundaan ummata keenya irratt diigamsa, tuutaan buqqisa, ajjeechaa kana hin jedhamne, raawwatee jira. Waraanoti qacceefixii tahan TPLF, tibba Naazii Awuroopaa keessaa, yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa kan Awuroopaa guutummaa barbadeesse Itophiyaa hardhaa keessatt calaqifamuun nama yaadachiisaa.  

 

Tokkummaan humna! Injifannoon ummatoota cunqurfamaniif!

 

 

Qabattee

 

  1. Statistical Abstract, Ethiopia, A Survey of Yield and Production of Major Crops, 1988
  2. Jane Curtz, Ethiopia: The Roof of Africa. 199, pp. 6—27
  3. US Federal Research Division, Ethiopia, A Country Study, 1993 pp. 308-309
  4. Curtz, op.cit., p. 22
  5. The Washington Post,October 6, 1992
  6. See for example Robin Mckown, The Colonial Conquest of Africa, 1971

 

 

 

Add comment