Waayee Aabbuu Seeraa Fi Misooma Ilaalchisee, Ergaa Faarseebulaa Fi
Gabaabatti
Yerroo ammaa kana, Faarseebulaan ofii janjayee, biyaa janjessaa jira. "Misoomnni" ummata Oromoo balleessuf karoora baafatee ka'e yoo qeeqaan, akka faallaa misoomaa dhabaatanitti fudhatu. Bayyen isaanii, oduma beekanuu, firiifaarii jarri itti darbatani jechuuf, dununfatanii quuqaama Oromoo irratti duulu. Kan sobee rafe silaawu hin damaqqu; mee kan dhugaa rafe, Afaan Ingiliffa'rra Afaan Oromoo dubbisuun salphaa yoo ta'ef jechuun barruu kana maxansine.
Yaa Faarseebulaa, Namni Misooma Jibbu Hin Jiru
Namni misoomni garii mitii, kan jedhu hin jiru. Akkamitti jedhamaa?
Kan jechaa jirru, maqaa misoomaa tiin Oromoon badaa jira. Duudhaan Oromoo badaa jira. Afaan Oromoo badaa jira. Horteen Oromoo, keesumaawuu, horteen Tuulamaa duguugamaa jira, jechaa jirra.
Misoomnii, Ummannii fi Uumaamnii waliin jiraachuu danda'a.
Yoo sii gale, empaayerrii Itiiyophiyaa maqaa misoomaa tiin Oromoo duguuguu barbaada. Hangaa ammaatti kanummatti jira. Ija banadhuu ilaali. Of hin gowwomssin.
Abbaan quba hin qabuu, sareen quba fixxee, jedha Oromoon, nama of-dagateetti yoo makmaaksu.
Firrifaarrii jarrii sitti darbataniif jettee, uummata kee qaalii hin gurguriin.
Abiy Ahmad tahe Shimalis Abdiisaa, wantii Oromoo dantaa isaanii miti. Kuni jara Waayanee jalatti leenji'ee ummatta kenyaa dhabaansisufi hidhatanii ka'ani. Homaa isaan irraa hin eegin. Quuqama Oromoo hambaa takko hin qaban. Malif jechuun, of-gaafadhu. Deebiin gaafii kanaa salphaa dha.
Mee Gaafii Kanaa Gadii, Deebisuu Yaali
- Ummani Oromoo Finfinnee keecha xiqaatee, magaalan, magalaa warra biroo kan fakkaate, maaliif?
- Abichuu, Eekkaa, Galaana fi Gullaleen, Finfinnee fi marsaa Shaggar, dhibbantaa dhibaan dhunfaate kan keessa jiraacha ture, hardha eessa jiru laata?
- Tuulamni bittinaayee hanga Harargee, Baalee fi Arsii deeme, hardha fagaatee kan jiraatu, maaliif?
- Oduu Harargee, Baalee, Arsiin biyya Oromoo tahuu baatee, Tuulamni fagaatee jiru, silaa hardha wayi dandamataa?
- Mee dhiyuuma kana kan ta'e, lafti jirenyaa tiif qotiisaa, kan Garjii, Lagaa Xaafoo, Eekkaa Abbadoo, Jamoo, kkf, Oromoon lafa sani irra ture, hardha eessa jiraa?
- Laftii ganda magaalaa hardha Ayyaat jedhamtu, seenaa fi duudhaa Oromoo hagam akka diigdee calaastee, Sahiletemihret fi Miika'eeli jettee irratti ijaarte, wayi beektaa?
- Magaalaan baldhattee, Oromoo wayi haammattee?
- Oromoo of-irraa kan hin dhiibee, nama biroo biyya fagoo ofitti kan hin galchiee, jiraa?
- Misomni Oromoo of-irraa hin dhiibne, magaalan ijaramtee Oromoo of-irraa hin yaasne, ormaa biraa ofitti hin galchine, mee isa kamii, naa himtaa?
- Tuulamni Eekkaa, misooma buufata xayaara Boolee tiin buqa'e, hardha eecha jiraa?
- Tuulamni Jiillee, misooma hidhaa korreenttii Qooqaa tiin buqa'e, hardha eecha jiraa?
- Tuulamni Oboo fi Jiillee, misooma oomisha sukkaara Wanjii tin buqa'e, hardha eecha jiraa?
- Ummanii Karraayuu, misooma oomisha sukkaara Mataaharaa tin buqa'e, hardha eecha jiraa?
- Ummani Karraayuu guddan milliionitti dhiyaatuu suni, hardha kuma 10 ta'uu?
- Jaarssoliin Karraayuu 70 olii ol-iyyanoo Haile Sillaasee biraa deemanii, bakka buuten isaanii dhabamuu hin beektaa?
- Tuulamnni empayiraa kana jalatti ajeefame meeqa ta'a laata?
Kan kanaa olii yoo tarressinu obboleewaan keenyaa kan dangaan addaan nu kute iraaffanne jechuu miti. Dubbiin hardha dubbii jidduugala Oromiyaa, dubbii Tuulamaa waan taate jechuuf. Kaabaa kibba ti, bahaa lixa ti, waan deemaa jiru, hin irafanna jechuu miti. Akkamitti?
- Seenaa Calii Aanolee, Calii Calanqoo beektaa?
- Mootummaa kana deegaraa, seenaa Calii Tuulamaa irrattii qooda fudhachaa akka jirtu of-beektaa?
- Oromoon empayiraa kana jalatti ajeefame meeqa ta'a, laata?
Karaa ijoo dubbiiti deebihuuf, namuutuu misoomaa kan jibuu hin jiruu, yaa Fararseebulaa.
- Kan jibbinu misoomaa Oromoo duguugu; Misoomaa Oromummaa balleessuu; Misoomaa qabeenya Oromoo saamu; Misoomaa kabajaa Oromoo xiqeessu; Misoomaa Oromoo arrabsu.
Oromoon Abbaa Biyyaa Ofii Yoo Ta'ee...
Oromoon abbaa biyyaa ofii yoo ta'e, akkati misooma buufata xayaara ta'ee, waan biroo, karooran akka hojjetu, hin beekna.
- Ummataa isaa, duudhaa isaa, uumamaa isaa, kabajee ol-aansee, missomnii, ummannii fi uumamnni akka waliin jiraatu godha;
- Ummanii isaa bu'aa guutuu argata;
- Afaan isaatin hojetta;
- Maqaa misooma tiin baayinni isaa (demography) hin xiqaatu, hin jijjiiramu.
- Bitti isaa muramtee federaalaan hin bulfamttu;
- Bitti isaa kabajaa horratti;
- Kan ilmaan Wayyaanee akka fedhaan ciciranii gurguran odoo hin ta'in, kan Oromoon hundi itti boonan taati.
Eenyutu misooma jibba ree?
Barrulee Walqabatuu
- The New Mega Airport Project in Aabbuu, Oromia, Ethiopia: The Project Implications on Aabbuu Communities (a 17-page PDF document), November 2025, GLONA.
- Kumaa Daadhii, How Will Medemer Be Remembered?, 7 January 2026, OROMIA TODAY.
- OT Editorial, Development Draped in Dispossession: The Tragedy Behind the Abuu Seeraa Airport Deal, 23 April 2025, OROMIA TODAY.
- OT Editorial, The Oromo People Demand a Prerequisite for the Abbuu Seeraa Airport Project, 27 April 2025, OROMIA TODAY.
- Shaggar, Bishooftuu, Gadaafi Adaamaa — Pilaanii Mummee Haaraan, 5 January 2026, President Shimelis Abdissa's Facebook Page.
- Olii Boran and Ed Chapman, Digital Serfdom in Ethiopia: Faarseebulaa, Propaganda, and the Politics of Praise, 22 May 2025, OROMIA TODAY.
