Waayee Aabbuu Seeraa Fi Misooma Ilaalchisee, Ergaa Faarseebulaa Fi
Yerroo ammaa kana, Faarseebulaan ofii janjayee, biyaa janjessaa jira. "Misoomnni" ummataa Oromoo balleessuf karooraa baafatee ka'e yoo qeeqaan, akka faallaa misoomaa dhabaatanitti fudhatu. Bayyen isaanii, oduma beekanuu, firiifaarii jarri itti darbatani jechuuf, dununfatanii quuqaama Oromoo irratti duulu. Kan sobee rafe silaawu hin damaqqu; mee kan dhugaa rafe, Afaan Ingiliffa'rra Afaan Oromoo dubbisuun salphaa yoo ta'ef jechuun barruu kana maxansine.
