IBSA EJJENNOO GUMII TOKKUMMAA ABBOOTII GADAA OROMOO
IBSA EJJENNOO GUMII TOKKUMMAA ABBOOTII GADAA OROMOO WALTAJJII MARII ABBOOTII GADAA GODINOOTA OROMIYAA MARA IRRAA WALITTI DHUFAN MARII GUYYAA SADIIF (HAGAYYA 24- 26/2008 A.L.H) GAGGEEFFAME BAKKA: HOTEELA RIZORTII SOODAREE Nuti Abbootiin Gadaa Oromoo rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa hiikuuf mootummaa fi uummata gidduu taanee hojjechaa turuun keenya ni beekama. Keessattu rakkoolee nageenyaa biyya keenya keessatti...
